ONM-ABO Amajji 31, 2023 Kaleessa Amajjii 30,2023 kaaba Oromiyaa godina Walloo ona Arxummaa Fursee ganda Cirrii keessatti humnoonni finxaaleyyii Amaaraa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Cirrii gubuun barbadeessan.
Murni kun erga Amajjii 21 ona Jiillee Dhummugaa keessatti uummata nagaa fi qabeenya irratti tarkaanfii fudhachuun miidhaa geessisuu eegalee tarkaanfii isaa babal’isuun aanaalee adda addaa keessatti namootaa fi qabeenya irraan miidhaa ga’aa jira.
Aanuma Arxummaa Fursee ganda Diidoo keessaa manneen 500, ganda Cirrii keessaa manneen 300 ol yoo guban ganda Ulaa keessatti dishqaa fi bireenii dhaabbachuun lola uummatatti bananiin manneenis gubuun uummata qe’ee irraa buqqaasanii jiru.
Sababa manneen jalaa gubatee fi uummatni faannoon ajjeefameen hawaasni bal’aan qe’ee isaa dhiisuun bosonatti baqatee akka jiru jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kan dhagaa’atii jirtan oduu R-ABO irraa isiniif darbaa jiruu dha.