• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina Arsii lixaa aanaa Arsii Nagellee keessatti murni bilxiginnaa nama tokko madeessuu fi qabeenyaa uummataa saamaa jiraachuun dhagaa’ame

Feb 1, 2023

ONM-ABO 1 Guraandhala 2023 Maqaa Badhadhinaa jedhu ofitti moggaasuun paartiin filannoo uummataa malee aangoo irra jiru aangoo isaa jabeeffachuu fi fudhatamummaa biyyoota addunyaa irraa argachuuf uummata  impaayerattii keessaa rasaasaan waadaa oomisha isaanii ammoo dirqiin irraa bituun biyya alaatti erguuf cimsee hojjechaa jira.
 
Dheengadda Amajjii 30, 2023 godina Arsii Lixaa aanaa Arsii Nagellee ganda Malkaa Shaayiitti namoota dalagaa dhuunfaa isaanii dalaganii galaa turan waraanni bilxiginnaa  karaatti qabuun moobaayilii fi maallaqa irraa saaman.
Namoota qabeenyaa keenya hin kenninu,  isin qaama seera kabachiisu malee karaa dhaabbatee nama saamu ta’uu hin qabdanii fi mirga qabeenya baattannee deemuu hin qabnuu jedhanii gocha isaanii kana morman irratti reebicha raawwachuun nama Gammachuu Umar jedhamu  rasaasaan rukutanii madeessan.
 
Obbo Gammachuun miidhaa irra ga’een hospitaala  aanaa Shaashamannee magaalaa Kuyyeeraa keessatti argamutti yaalamaa jira.
 
Oduu biraatiin ammoo aanuma Arsii Nagellee gandoota cufaa irraa namni tokkoyyuu qamadii mana keessa kaa’achuu hin qabu jechuun dirqiin baasanii murna bilxiginnaatti akka gurguran taasisaa jiru.
 
Qamadii hanga dhiyeessuu qabnu paartiin keenya nuuf qoodeera waan ta’eef hanga waan nutti ramadame guunnutti qonnaan bulaan kamuu mana keessa dhokfachuu hin qabu kan jedhan daballootni bilxiginnaa, yoo dhoksee argame adabbii cimaan akka isaan eeggatu akeekkachiisan.
 
Uummatni miliyoonaan lakkaa’amu osoo beelaan dhumaa jiruu nyaata namaa fi horii dhiyeessuu dadhabuun akka baalaa osoo harca’aa jiranii maqaa qamadii alatti erginaan qonnaan bultoota miliyoonotaan lakkaa’aman biroo agabsuuf karoora abaaramaa baafatee hojjechaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply