• Sat. Sep 23rd, 2023

WBOn baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu fi Jiddoo Kombolchaa keessatti tarkaanfii fudhate

Feb 2, 2023

ONN-ABO Guraandhala 2, 2023 Irree fi gachanni uummata Oromoo waraanni bilisummaa Oromoo zoonii Kibba bahaa cibraan Jaal Nadhii Gamaada Buttaan Heeban Arsii godina baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa ganda Haroreessa Qalboo iddoo addaa Gaara Aluutootti kaleessa Guraandhala 2, 2023 lukkeelee diinaa maqaa sakattaa WBOn bobba’an kanneen sirna dulloomaa kufaatii irraa dandamachiisuu fi samichaaf bobboofaman haxxee itti hidhuun adaba laateeraaf.
Lola guyyaa guutuu ganama sa’a 2:00 irraa hanga sa’a 12:00 tti geggeesseen loltoota diinaa 20 ajeessuun 30 ol madoon adabee meeshaalee waraanaa AKM 12 hidhannoo guutuu waliin, rasaasa AKM 200 fi gumbii isnaayipperaa tokko irraa hiikuun dantaa qabsoof oolchee jira.

Kana malees miseensa poolisii humna addaa tokkoo hidhannoo guutuu waliin booji’ee jira.

Lolli hanga bilisummaa Oromoof fi walabummaa Oromiyaatti ittii fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply