(SQ-Guraandhala 04, 2023)
Hundeeffama Sinoodoosii Oromiyaa gufuuwwan gurguddaan Weerartoota maqaa amantaaan Oromoo weeraranii turanirraa mudatus, Oromoon cufti irraa qooda fudhatuudhaan Oromiyaa keessatti amantaaf ilaalchaan osoo wal hin qoodin sochii Hundeeffama Sinoodoosii Oromiyaa kana daggaraa jiraachuun barameera.
Humnoonn Finxaaleyyii Amaaraa bakkoota garaagaraatti of ijaaruun kan akka waan amantaa geggeessaniitti maqaa amantaa dahachuun of ijaaran Guraandhala 04, 2023 Phaaphaasiin Kutaa Lallaba Godina Arsii Lixaa gara Magaalaa Shaashamannee yeroo imalan mormii dhageessisuun Simannaa Phaaphaasotaa danquuf yaalanis tokkummaa jabaa Uummata Oromoon irra aanamuu maddeen bakka sanaa Sagalee Qeerroof gabaasaniiru.