ONM – ABO – Gurraandhala 6, 2023 Torbee darbe Guraandhala 2 fi 4, 2023 godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo fi aanaa Yimaaloogii Walal magaalaa Tajjoo irratti tarkaanfii boonsaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo fudhateen waraanni bilxiginnaa 300 ol madaa’anii jiru.
Madoon waraana bilxiginnaa kun yeroo ammaa hospitaala magaalaa Dambii Doolloo keessatti kan yaalamaa jiran yoo ta’u, hospitaalichi tajaajilaa hawaasaaf kennu gara waraana bilxiginnaatti deebisuun ha
waasni dhukkubsataan rakkachaa jira. Madoo Kamisa darbe magaalaa Dambii Doolloo keessatti waraana bilxiginnaa mudateen osoo lafti ciisichaa dhababamee rakkachaa jiruu guyyaa kaleessaas magaalaa Tajjoo irraa madoo biroon konkolaataa 4n hospitaalichatti dabalamuun daran hojjettoota dhiphisee jiraachuu dubbatu. Hawaasni dhukkubsataa fi maatiin isaanii mooricha keessa akka hin deddebine dhorkamaa jiraachuun kan nuuf himan tajaajilamtootni, hospitaalichi mooraa waraanaa fakkaatas jedhan. Sababa kanaafis mooraa keessaa tajaajilaa ga’aa argachuu dhabuun baasii dabalataa baasnee kilika dhuunfaatti yaalamaa jiraachuu ibsuun murna ilmaan haadha hiyyeessaa akkasiin miidhaa irraan geessisaa jiru kana sabichi tokkummaan ka’ee ofirraa fonqolchuun biyya nagaa dhukaasi keessaa callisee ijaarrachuu qaba jechuun yaada isaanii kan nuuf qoodan tajaajilamtoota hospitaalichaa ti.