ONM – ABO – Gurraandhala 7, 2023 Barattoota mana barnootaa sadarkaa lammaaffaa barattootaan maallaqa deggersa raayyaa ittisa impaayerattii jechuun dirqisiisanii harkaa guuruun impaayerattii keessatti baratamaa ta’eera.
Akka seeraatti barnootni fi siyaasni kan wal hin ilaallanne ta’us, impaayera Itoophiyaa keessatti hoggantootni manneen barnootaa qajeelfama qaama bulchu irraa fudhataniin manneen barnootaa fi dhaabbilee barnoota olaanoon osoo hin hafin dirree siyaasaa taasifachuun dhiibbaa godhu.
Haaluma Kanaan torban darbe keessaa mana barnootaa sadarkaa lamaffaa baha Wallaggaa ona Waamaa Agaloo magaalaa Moxee keessatti qindeessaan mana barnootichaa deggersa raayyaa ittisa impaayerattii jechuun qarshii 100 tokkoon tokkoo barattootaa kafalchiise.
Namootni Maallaqa jedhame kana hin kaffallee qormaata biyyooleessaa hin fudhatu jechuun barattoota sodaachisaa waan turaniif waan qaban gurguranii kan kafalan keessa jiru.
Dinagdee isaan harkatti kufe deebisanii dhaabuuf kan dhama’an bilxiginnaan barattoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa maallaqa deggersa raayyaa jechuun yoo irraa guuran dhaabbilee barnootaa ammoo agabsuun maallaqa nyaata isaaniif ramadamu waraanaaf oolchaa jiraachuun ni beekama.