• Sat. Sep 23rd, 2023

Murni bilxiginnaa duula haaraa kibba Oromiyaatti banuuf loltoota hedduu magaalaa Awaasaatti buusuun barame

Feb 8, 2023

ONM – ABO – Gurraandhala 8, 2023 Murni barcuma siyaasa impaayerattii  loltoota hedduu lolaaf bobbaasee tikfachuu barbaadu bilxiginnaan loltoota kaaba impaayerittii irraa deebisee Oromiyaa keessa qubsiisuun miidhaa geessisuu itti fufeen, ammas bifa haaraan kibba Oromiyaatti fe’uuf waraana isaa garas fe’ee jira.
 
Akka odeessi waraanaa magaalaa Awaasaa irraa nu qaqqabe ifoomsutti giddu kana loltoota  kutaa waraanaa 6 ta’an lola Tigraay irraa deebisuun magaalaa Awaasaa qubsiisee jira.
 
Loltootni magaalaa Awaasaa qubatan kun xumura torbee kanaa irraa eegaluun gara kibba Oromiyaatti bobbaafamu.
 
Murni bilxiginnaa  gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Oromiyaa keessaa rukuteen baasa jechuun karoora abjui baafatee itti seenus WBO baay’inaa fi ga’umsaan dabalaa, humna waraana bilxiginnaa haleeluun injifannoo boonsaa galmeessaa waan jiru, tarkaanfiin WBO kun irriba dhorkachuun duula bifa haaraan kibba Oromiyaatti geggeessuuf karoorfatee jira.
 
Keessayuu tarkaanfii irree fi wanteen uummataa WBOn Guraandhala 1, 2023 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Baddaa Magaadaatti fudhateen rifatuu keessa kan seene murni bilxiginnaa haaloo ba’uuf sochii jabaa geggeessuuf akka jiru beekameera.
 
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo lolaas ta’e tolaaf qophii ga’a qabaachuu kan ibsaan itti gaafatamaan sabqunnamtii WBO godina Gujii Lixaa Jaal Bulee Boruu, WBOn meeshaa waraanaa isaan fidatanii dhufan lolee irraa hiikuun ni hidhata jechuun gaaffii fi deebii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin taasisaniin dubbataniiru.
 
Tarkaanfii boonsaa WBO Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa keessatti torbee darbe fudhateen meeshaalee waraanaa garaagaraa hedduu fi loltoota bilxiginnaa 240 booji’uun ni yaadatama.

Leave a Reply