Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo keessatti waraanni murna bilxiginnaa 7 WBOtti harka yoo laattatan aanaa Diggaatti miseensota isaanii sadii ajjeesan

ONM-ABO Guraandhala 10, 2023 Mooraan waraana faashistii bilxiginnaa diigamuu itti fufuun miseensotni isaa humnaa fi goyomsaan leenjifamanii uummata qulqulluu ajjeesuu fi saamuu bobbaafaman badii sirnichaa hubachuun mooricha gananii ba’uu itti fufanii jiru.
 
Haaluma kanaan godina baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo keessatti dheengaddaa fi kaleessa Guraandhala  8 fi 9,2023 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 7 sirna yakkamaa dhiiga namoota nagaa dhangalaasuun barcuma siyaasa isaa tikfachuuf hojjechaa jiru ganuun qawwee AKM 7, rasaasa 1400, boombii 6 fi hidhannoo 7 mooricha waraana bilxiginnaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin gabbisanii jiru.
 
Ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’uun tajaajiluu isaaniif gaddanii, sirnicha buqqisuuf WBO faana wareegama akka kafalan waadaa seenan.
 
Itti dabaluunis ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’anii amma hojjechaa jiran sirnicha ganuun akka ba’an waamicha taasisanii jiru.
 
Oduun biraatiin ammoo godinuma baha Wallaggaa aanaa  Giddaa ganda Jirmaa keessatti dheengadda Guraandhala 8, 2023 hoggantootni waraana bilxiginnaa ilmaan Oromoo meeshaa isaaniif baatan sadii Oromoo ta’uu isaaniif qofaaf yakkanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii akka gatan maddeen waraanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version