ONM-ABO Guraandhala 10, 2023 Murni faashistii PP Oromiyaa keessatti dargaggootni Oromoo akka diddaa hin agarsiifneef maqaa hidhata siyaasaa qabdu jedhuun sobaan yakkee mana hidhatti galchuun dararaa irraan geessisu hammeessee jira.
Haaluma kanaan godina lixa Harargee ona Odaa Bultum araddaa Bariisoo 2 jedhamtu irraa dargaggoota 67 hidhata waraana bilisummaa Oromoo qabduu fi as keessa teessanii haala mijeessituuf jechuun qabanii erga hidhaniin booda qaruuraan rifeesa gogaa irraa aadan.
Dargaggoota rifeensi irraa aadame keessaa kan maqaa arganne Hasan Umar, Firoomsaa Abdurhamaan, Yooseef Mawnnaayee, Gaaddisaa Ahimed yoo ta’u haadha Oromoo Ashaa Mahaammad ammoo reebicha hamaa irraan ga’anii jiru.
Ona Odaa Bultum keessatti uummata nagaa jireenya isaanii mo’achuuf guyyuu tattaafatan dantaa siyaasa isaaniif hojii irraa qabanii waltajjiin dararaa fi maqaa garaagaran maallaqa irraa funaanaa, ilaalcha siyaasaa biroo uummatni hin qabneen yakkanii hidhuu fi reebuun jireenyicha dachaa itti hadheessuu kan nuuf himan jiraattoota ona Odaa Bultumi.
Uummatni Oromoo maqaa magaalaa Shaggar ijaarran bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessaa buqqa’an rakkachaa jiraachuun barame.