• Sun. Oct 1st, 2023

Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloo keessatti waraanni murna bilxiginnaa manneen namootaa caccabsan

Feb 10, 2023

ONM-ABO Guraandhala 10, 2023 Gareen maafi’aa PP waraana isaa seeraa fi namusaa hin beekne hawaasa nagaa gidduutti bobbaasuun ittiin nagaa uummataa goolaa fi qabeenya isaanii mancaasaa oola.

Guyyaa kaleessaa Guraandhala 9, 2023 godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo ganda 07 bakka Doonaa jedhamuun beekamu keessatti manneen uummataa caccabsaa turan.

Magaalicha ganda 07 bakka Doonaa jedhamu kana keessa Waraana Bilisummaa Oromootu jira jechuun, namootaanis isintu mana keessa galfate nu rukuchiisaan manneen namoota baay’ee cacabsuun qabeenyaas saamaniiru.

Namoota manneen jalaa caccabuun qabeenyi isaanii saamame Paaster Malkaamuu Taaddasee, Wangeelaawwii Dirribaa Birhaanuu, obbo Xilaahun Seerdoo, Masaratii fi namootni biroon maqaan nu hin ga’in akka jiru maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply