ONM-ABO Guraandhala 10, 2023 Daangaa Oromiyaa kallattii cufaan saamsisaa, uummata irraa buqqisaa, ajjeesisaa fi qabeenya isaanii irraa barbadeessaa aangoo walitti dabarsaa kan har’a ga’an aanga’ootni impaayerattii, bara murni bilxiginnaa aangootti dhufee jiru kanattis dhibbaan karaa daangaan Oromoo irra ga’u hammaatee jira.
Mootummaan Naannoo Soomaalee humna waraana hanga biyya Soomaaleelaandii fiduun baha Oromiyaa godina baha Harargee Cinaaksanii fi Jaarsootti bobbaasuun uummata ajjeesisaa fi qabeenya barbadeessaa jira.
Guraandhala 5, 2023 loltootni Soomaalee Cinaaksaniin weeraruun hawaasa magaalaa fi baadiyaa irraa buqisuun miidhaa lubbuu fi qabeenyaa geessisanii jiru.
Lolli daangaa Oromiyaa irratti loltoota naannoo soomalee waliin Cinaaksanii fi Jaarsoo irratti fufuun Guraandhala 8, humni waraanaa lSUZU 9 aanaa Cinaaksan araddaa Hoossaale mana barumsaa, manneen jiraatootaa fi qabeenya uummataa abiddaan barbaadeessaa turan.
Guyyaa kaleessaa Guraandhala 9 kana araddaa Turhaanoot Tulluu fi Hoossaale lola cimaatu deema ture.
Lola aanaa Jaarsootti geggeeffamaa jiruunis miidhaa hedduun kan qaqqabe yoo ta’u uummatni guutummaan ba’ee ofirraa ittisaa jira.
Cinaaksan keessatti tarkaanfii humnoonni badii kun fudhachaa jiran murni bilxiginnaa waan taa’ee ilaalaa jiruuf uummatni waan qabuun of ittisuu eegaluun loltoota Soomaalee Soomaaleelaandii dhufan osoo hin hafin qabachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


