ONM-ABO Guraandhala 10, 2023
Torbee darbee qabuun godina addaa Oromiyaa naannowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti maqaa ijaarsa seeraan alaa fi magaalaa Shaggar ijaarra jedhuun manneen 15,000 ol karoorfatanii diigaa jiran achuma naannoo Qeeraatti hammeessanii jiru.
Naannoo Qeeraa bakka hawaasni Oromoo hedduunmatee jirutti diigiinsa kana kan itti fufan yoo ta’u sababa kanaan abbootiin warraa baay’een maatiin isaanii waliin daandii gubbaatti ba’anii jiru.
Manneen naannoo Qeeraa kana humnootni murna bilxiginnaa doozarii itti kaa’anii diigsisaa akka jiran kan nuuf hime jiraataan tokko, haati Oromoo daa’ima lakkuu deessee jirtu tokko lafa dhaqu hin qabu eessattan ba’a yeroo jettutti doozarii itti kaa’uun osoo isheen iyyituu diiguu isaanii himeera.
Naannicha baay’inaan Oromoon jiraatus uummatni Amaaraa muraasni keessatti ni argamu. Uummata Amaaraa manni irraa diigameef hoolaa qalanii bakka tokkotti qabuun yoo nyaachisan ilmaan daandii gubbaa qabeenya isaanii kaa’atanii aduun gubachaa jiraniif garuu sabboontota ilmaan
Oromoo malee qaamni birmachaateef hin jiru.
Rakkoo murni bilxiginnaa mana isaan waggoota hedduuf keessa turan irratti diiguun irraan ga’eef qaama itti iyyatanii fi deebii irraa argatan dhabuun guddina magaalaa irraa hawaasni fayyadamaa ta’uun osoo irra jiru maqaa guddina magaalaan miidhaa wantoota bu’uuraa dhala namaaf barbaachisan sadan keessaa da’oo dhabaniin akka bineensaatti ala bulaa jiraachuu jiraattootni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise ibsaniiru.




