• Thu. Mar 23rd, 2023

Godina baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Komboolchaa keessatti waraanni sirna bilxiginnaa reebichaa, saamichaa fi hidhaa jabeessan

Feb 14, 2023

ONM-ABO Guraandhala 14, 2023
Hawasa Oromoo goleewwan Oromiyaa cufa keessatti maqaa Waraana bilisummaa Oromoo nyaachistuu, daandii argisiistuu fi odeessa laattuuf jedhuun waggoottan shan kana Oromiyaa guutuu keessatti miidhaa irratti geggeessaa ture itti fufuun aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Komboolchaa keessatti uummata nagàa waraanni fi kaabinootni bilxiginnaa dararaa jiru.
 
Gaarreen naannoo isaaniitti argaman cufa maqaa sakata’insa jedhuun sochii taasisuun kallattii waraanni bilisummaa Oromoo deemuu dhiisuun karaa uummata nagaa bobba’uun uummata irrattii tarkaanfii fudhatu. 
Itti dabaluunnis ganda Arooressa Qalboo keessatti dhiibbaa geessisan hammeessuun uummata irraan miidhaa ga’aa ka jiran yoo ta’u, magaalaa Bulbulaa jedhamu irraa waraanaa isaanii kaasuun gara baadiyaa naannichatti bobbaasanii uummata saamaa, hidhaa fi reebicha irraan ga’aa jiraachuu maddeen keenya onichaa ibsaniiru.
Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Komboolchaa magaalaa Bulbulaa mooraa leenjii waraana bilxiginnaa ta’uun namoota dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasan bakka itti eebbifamanii ba’aniidha.
 

Leave a Reply