• Thu. Mar 23rd, 2023

Godina Wallagga lixaa ona Begii fi Qondaalaa keessatti waraanni Murna bilxiginnaa namoota hidhuu fi hidhaadhaa baasuun ajjeesuu itti fufee jira

Feb 20, 2023

ONM-ABO Guraandhala 20, 2023
Murni afaan qawween Uummaata bulchuutti amanu bilxiginnaan iddoo adda addaatti namoota jumlaan hidhuun dararaa jira.
 
Haaluma kanaan lixa Wallaggaa ona Begii ganda Lalistuu Lophii fi ganda Toobbii Qeenxi Garbaachoo jedhamu keessaa Jimaata darbe  Guraandhala 17, 2023 namoota hidhuun reebicha irratti raawwachaa turan.
 
Ganda Lalistuu Lophii keessaa Daawwit Sheek Jamaal barataa kutaa 12 fi  Sheek Usmaan Muhammad kan jedhaman qabuun mooraa waraanaa ganda Laalootti geessuun reebaa erga turaniin booda Sanbata dheengaddaa galgala gara mooraa magaalaa Begiitti geessanii jiru.
 
Jimaatuma darbe namoota akka Saadaam Habiib, Reeduwaan Habiib, Reeduwaan Muusaa fi Muhaammad Xilahuun gandoota lachuu irraa qabuu reebicha irratti raawwachuun gadhiisan.
 
Aanaa Begii kana keessatti namootni waraana bilxiginnaa waliin ta’uun namoota dararaa keessaa tokko nama Fadiilee Duulaa jedhamu akka ta’e maddeen ibsaniiru.
 
Godinichuma ona Qondaalaa  keessatti gandoota cufa irraa namoota gabaa dhaqaataa turan osoo hin hafin erga qabanii hidhaniin booda Waraanni Bilisummaa Oromoo dhufee nu rukute hidhamtoota kanneen mana hidhaa keessaa baasa jechuun hidhamtoota hedduu konkolaataan  karaa Asoosaa fudhanii deeman.
 
Hidhamtoota fudhanii deeman keessaa bakka bosona Anbassaa jedhamuun beekamutti namoota lama konkolaataa irraa buusuun ajjeessuun gatan.
 
Hidhamtootni ajjeefaman eenyummaan isaanii kan adda hin baane yoo ta’u, hafan hanga ammaatti eessa akka geeffaman kan hin beekamne ta’uu maddeen ona Qondaalaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii

Leave a Reply