• Sun. Oct 1st, 2023

Godina lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti reebicha, saamichaa fi hidhaa baasanii dhabamsiisuun dhagaa’ame

Feb 20, 2023

ONM-ABO Guraandhala 20, 2023 Waraanni murna bilxiginnaa hojii isaa abaaramaa sana itti fufuun godina lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti ilmaan Oromoo dararaa jiru.
 
Waraanni faashistii kun torbee darbe kana keessa imaltoota konkolaataan socho’an ganda Caancoo kan magaalaa Mogoritti dhiyoo ta’e keessatti konkolaataa irraa buusuun reebicha cimaa irraa akka ga’uun maallaqa isaaniis saaman.
 
Aanichuma warshaa simintoo Mogor keessattis hojjettoota ilmaan Oromoo ta’an rakkisaa akka jiran kan nuuf kaasan maddeen warreen haaraa ramadaman ulaagaa hin jirre itti tarreessuun yaaddessaa akka jiran himan.
 
Ilmaan Oromoo murna bilxiginnaa jalatti dararaa arguu itti fufuun hidhamtoota siyaasaa magaalaa Incinniitti dararamaa turan daa’imman waggaa 15nii gadii osoo hin hafin halkan fe’anii akka deeman kaasuun, namootni fe’aman kunis gara leenjii waraanaa deemuu akka hin oolle Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply