• Wed. Nov 29th, 2023

Godina Arsii bahaa aanaa Sirkaa keessatti kaabinootni bilxiginnaa miidhaan nama irraa guuruun uummata dararaa jiru

Feb 21, 2023

ONM-ABO Guraandhala 21, 2023

Murni qamadii alatti erginaan baatii lamaan darbe uummata irraa dirqamaan bitaa fi maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayerattiin guuraa ture, ammas qonnaan bultoota godina Arsii bahaa maqaa deggersaa dararaa jira.

Torbee darbe kana keessa dabballootaa fi milishoota ona Sirkaa gandoota baadiyaatti bobbaasuun qonnaan bultoota irraa miidhaan qamadii fi xaafii walitti qabaa turan.

Midhaan walitti qaban kana gandootaa baasuun magaalaa aanichaa Gobeessaatti kuusaa jiru.

Miidhaan ergamtootni murnabilxiginnaa walitti qabaa jiran kana,  eessa geessitu, maaliif nurraa guurtuu fi armaan dura kennineerra, ammas maaliif fuutu jechuun yeroo gaafatan yakkatti deebisuun maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun hidhuu, reebuu fi doorsisuun akka jiru maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply