• Thu. Mar 23rd, 2023

Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduutti eegdonni impaayera Itoophiyaa dargaggoo tokko ajjeesan

Feb 21, 2023

ONM-ABO Guraandhala 21, 2023

Eegdonni koloneel Abiy Ahimed uummata Oromoo ajjeesuu, saamuu fi dararuuf bobba’an gocha isaanii abaaramaa kana itti fifa fufanii jiru.

Maqaa WBO sakatta’uu jedhuun kutaan waraana 114ffaa aanaalee lixa Shaggar Cobii, Gindabaratii fi Jalduu erga qubatanii ji’oota lakkoofsisaniiru.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Guraandhala 19, 2023 lola aanaa Jalduu ganda Qarsaa Mirtiitti lolameen kasaara jabaan waraana sirnichaa irra ga’uu sababeeffachuun gochaa haaloo bahinsaa nama nagaa irrattu raawwatan.

Jiraata ganda kanaa kan ta’e dargaggoo Baayi’isaa Gonfaa Tolasaa kan jedhamu sababa tokko malee mana maatii isaa keessa baasuun balbala duratti osoo maatiin ilaaluu rasaasa itti roobsuun ajjeesu jiraatan ganda sana Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Akka jiraatan kun himetti dargaggoo Baay’isaa Gonfaa nama naamusa qabeessa maatii isaa gargaaruun beekamuu fi hawaasa ollaa isaa biratti jaalala qabudha.

Dargaggoon kun badii dalagee yookiin WBO waliin hidhata qabaatee osoo hin taane waanuma Oromoo ta’eef akka ajjeesan jiraatan kun dabaluun ibseera.

Leave a Reply