• Sat. Sep 23rd, 2023

Waraannii fi caasaan bilxiginnaa godina baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu uummata dararuu hammeessan

Feb 21, 2023

ONM-ABO Guraandhala 21, 2023

Murni bilxiginnaa uummata Oromoo akka jeeqaniif waraanaa fi caasaa isaa bobbaasuun qe’ee Oromoo jeequu fi ilmaan Oromoo boossisuu itti fufee jira.

Murni dirqiin gadaa aangoo isaa dheereffachuuf hojjechaa jiru godina baha Wallaggaa ona Haroo Limmuu keessatti karaa waraanaa fi caasaa isaa dararaa jabaa  uummata irraan ga’aa jira.


Aanaa Haroo Limmuu keessatti saamicha, gudeeddii, hidhaa fi ajjeechaan geggeeffamu daangaa waan darbeef hawaasni hedduun qe’ee isaa irraa buqqa’uun bakkoota birootti baqachaa jiraachuutu dubbatama.

Hawaasni magaalatti ilaalcha siyaasaan yakkamuun alatti ba’ee galuuf wabii dhabuun ni jira.

Namootni waraana bilxiginnaa waliin ta’uun uummata dararaa jiran bulchaa aanichaa Lammaa Abbabaa fi itti gaafatamaa bulchiinsaa fi nageenyaa obbo Fiqaaduu Qana’ii ta’uun barameera.


Maqaa waraana bilisummaa Oromoo balleessinaan caasaan waraanaa fi bulchiinsaa aanicha keessatti bobbaafaman jireenya uummata goolaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply