ONM-ABO 21 Guraandhala 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Tarkaanfii fudhachuu itti fufuun godina Arsii bahaa aanaa Muneessaa keessatti diina adabee jira.
Tarkaanfii sababa network’n bubbulee nu qaqqabeen Guraandhala torbee darbe Guraandhala 16, 2023 Kibba bahaa Oromiyaatti cibraan Jaal Nadhii Gammada buttaan Heeban Arsii godina Arsii bahaa aanaa Muneessaa ganda Heeban Dhubboo iddoo addaa Cororaa jedhamutti lukkeelee diinaa maqaa sakattaaf bobba’an haxxee ittii hidhuun tarkanfii fudhateen 10 ajeesuun 15 madoon adabeera.
Meeshaa AKM 3 fi M14 tokkoo rasaasa 20 dugda diina irraa hiikuun miseensaa humna addaa 2 hidhannoo waliin booji’eera.
Injifannoon uummata Oromoof!