• Sun. Oct 1st, 2023

Bulchiinsa magaalaa Dirree  Dhawaa keessatti bakkoota daldalaa irraa manneen diiguun itti fufe

Feb 24, 2023


ONM-ABO Guraandhala 24, 2023
Lafas ta’e namoota lafa irra jiran akka barbaadetti bulchuu kan barbaadu bilxiginnaan yeroo barbaadetti paarkiin hojjedhe, namoota hedduuf carraa hojii bane jechaa yeroo biraa ammoo namoota rakkatanii carraa hojii uummatan irratti manneen daldalaa diiguun jiruu itti hadheessa.
 
Adeemsa wal dha’aa murni bilxiginnaa bu’aa siyaasaaf fayyadamaa jiru kanaan manneenii fi bakkeewwan daldalaa diigamuu itti fufuun kaleessa Guraandhala 23, 2023 bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa ganda 09 daandii cirracha gurraachaan achitti bakka daldaaltotni manneen xixiqqaa irratti ijaaruun hojii daldalaa hojjetan irraa diigaa turan.
 
Gareen bulchiinsa magaalaan poolisoota waliin ijaaramuun bobbaafaman kun yeroo dukkaana namootaa diigan kanatti qabeenya achi keessa jiru bakkeetti facaasaa fi qarshii saamaa turan.
 
Hawaasni manni kun jalaa diigame rakkina isaanii mo’achuuf rakkatanii kan ijaarratan ta’us ijaarsa waggoota hedduu qaamni bulchiinsa magaalattii achi ilaalaa fi galii irraa fuuchaa ture maqaa ijaarsa seeraan alaa jedhuun diiguu isaatti gadduun, gocha maatii hedduu agabsu kanas balaaleffataniiru.
 
Gochi diigumsaa torbeedhuma kana magaaluma Dirree Dhawaa ganda 07 bakka Ashawaa jedhamutti geggeeffamuu fi gocha kana keessatti poolisiin Abdulkariim jedhamu namoota gaaffii mirgaa gaafatan gandoota lamaan keessatti reebaa turuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply