• Sat. Sep 23rd, 2023

Waraanni murna bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessa dabalataan buufachuun barame

Feb 24, 2023

ONM-ABO Guraandhala 24, 2023
Torbee kana keessa sochii waraanni bilisummaa Oromoo handhuura Oromiyaa Finfinnee naannessee gochaa jirutti kan rifate bilxiginnaan waraana isaa bulchiinsa magaalota godina addaa naannowaa Finfinnee tokkotti dabalee qubsiisee jira.
 
Haaluma kanaan bulchiinsa magaalaa Buraayyuu naannoo Suubii jedhamu daandii ittiin Irreecha Malkaa Ateetee dhaqan irra qubachiisuun barameera.
 
Waraanni kibxata darbe qubate kun  sochii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo godina Addaa Oromiyaa Naannowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Molootti taasisaa jiru irraan sodaa keessa galuun gadi ittisuuf qubsiifaman kan jedhamu odeessi keessoo PPti ba’e ni addeessa.
 
Haa ta’u maleen WBOn torbee darbe tarkaanfii bilxiginnaa baargasuu Moloo ol darbee fudhachuun ni yaadatama.


 
 

Leave a Reply