• Sun. Oct 1st, 2023

Waraanni murna bilxiginnaa godina baha Wallaggaa aanaa Leeqaa  Dullachaa keessatti nama tokko ajjeesuun kan biroo sadii hidhan

Feb 24, 2023


ONM-ABO Guraandhala 24, 2023
Murni erga  aangoo siyaasa impaayetattiitti dhufee nama ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi godaansisu hammeesse bilxiginnaan, gocha isaa lubbuu kumootaan lakkaa’aman dhabamsiise, hedduu hidhaan akkasumas qabeenya danuu barbadeesse irraa dhaabbachuu dadhaabuun har’as ilmaan Oromoo ajjeesaa jira.
 
Kaleessa Guraandhala 23, 2023 waraanni bilxiginnaa godina baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa keessatti nama maqaan isaa Caalaa Daggafaa jedhamu, kan mana Shaayee daldalee jiraatu ajjeesuun reeffa isaa bakkeetti gatan.


Aanuma sana ganda Haroo keessaa ammoo nama maqaan isaa Hasan Ahimed, Abdurrahiim Mahaammadii fi Huseen Ahimed namoota jedhaman badii isaanii malee qabuun hidhaatti darbatanii jiru.


Waraanni murna bilxiginnaa hidhaa malees ganduma sana keessaa qabeenya namoota mancaasuu, maallaqa saamuunii fi soolaarii namootaa fudhachuun deemuu isaanii maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru

Leave a Reply