Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti dargaggoota leenjii waraanummaaf ukkaamsaa oole

ONM-ABO Guraandhala 25, 2023

Kaleessa Guraandhala 24, 2023 godina addaa naannowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessaa gandoota irra deemuun leenjii waraanummaaf dargaggoota ukkaamsaa oolan.

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu gandoota cufatti dargaggoota 20 hanga 30tti qopheessuu qabdu jedhamuun kan itti himame yoo ta’u, gandi namoota fedhiinis ta’e goyomsaan gara leenjii waan deemuu didaniif humnaan ukkaamsuu eegalan.

Guyyaa kaleessaa kana magaalicha keessaa bakkoota akka Ashawaa Meedaa, Qeeraa, Maaramii, Firiidooroo, Malkaa Gafarsaa, Aannee Diimaa fi bakkoota argan cufatti adamsanii qabuun bulchiinsa magaalaa fi waajjira poolisitti wait walitti qabuun fe’uuf eegaa jiru.

Murni bilxiginnaa ol adeemtota Oromoo lolaaf bobbaasuun lubbuu Oromoo Impaayerattii tursiisuuf yeroo hojjechaa jiranitti haadholiin ilma tokko qaban, ilma tokkitti dabaan dhabuun kanneen imimmaan fuula isaanii irraa hin qoorre hedduu dha.

Exit mobile version