ONM-ABO Guraandhala 25, 2023
Murni faashistii bilxiginnaa qe’ee lammiilee bulchaan jira jedhu keessa wantoota qonnaaf barbaachisan akkasumas teekinooloojii haaraa hawaasa fayyadan deemsisuu irra waraana bobbaasuu erga hojii idilee godhatee waggoota lakkoofsiseera.
Murni faashistii dhiiga lammiilee isaatii akka alagaatti dhangalaasaa jiru waraana dabalataa, hojii abaaramaa kana raawwataniif Finfinnee irraa gara lixa Oromiyaatti bobbaasaa jira.
Kaleessa Guraandhala 24, 2023 waraanni faashistii PP konkolaataan ja’atamni magaalaa Finfinneetii ka’uun Buraayyuu qaxxaamuruu maddeen ibsan.
Akka maddeen jedhanitti waraanni konkolaataa gurguddaa ja’atamaan deemu kun, meeshaalee gurguddaa fe’atanii socho’aa akka turanii fi daandii irratti imaltoota rakkisaa akka turan ibsaniiru.
Kana malees waraanni kun kan deemuu fi meeshaan fe’ame cufti uummata Oromoo ajjeesuu fi qabeenya sabichaa mancaasuuf waan bobbo’aa jiraniif sabni keenya of eeggannoo haa godhu jechuun dhaamsa kan dabarsan maddeeni.