ONM-ABO Guraandhala 27, 2023
Sirni afaan qawween bulchuutti amanu bilxiginnaan gamtokkoon nageenya uummaataa eegna jedhee miidiyaan ololaa faallaa isaa guyyaadhaa guyyaatti Dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa oola.
Guraandhala 24, 2023 ona Waamaa Agaloo ganda Buttujjii Qassoo keessatti abbaa fi daa’ima umrii torbaa kan ta’e abbaa isaa obbo Shimaallis Bantii waliin walakkeessaa halkanii manatti ol seenuun naasuu tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Maatii obbo shimaallis Bantii keessaa haadha warraa isaanii fi mucaa dhiiraa tokkos halkanuma sana rasaasaan madeessuun yeroo hamma mana yaalaa jiru.
Dabalataanis onuma Waamaa Agaloo ganda Buttujjii Qassoo keessa Guraandhala 25, 2023 ganama nama maqaan isaa Addunyaa Namoomsaa jedhamu mana isaatii butuun magaalaa sana keessatti guyyaa guutuu erga hidhaniin booda walakkeessaa halkanii gara mana isaattii geessuun balbala duratti ajjeesanii gatan.
Oduma wal fakkaatuun onuma Waamaa Agaloo keessatti manneen namoota sadii mana obbo Addunyaa Namoomsa dabalatee guutumaan guutuutti ibidda itti shiduun gubanii barbadeessan.
Obbo Addunyaa Namoomsa ajjeesuun midhaan goombisaa sadeet jalaa yoo guban nama Daanyee Beekumaa fi nama maqaan nu hin geenye tokko jalaas manneen gubuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.