• Sat. Mar 25th, 2023

Waraanni faashistii PP godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo keessatti namoota nagaa hidhuu itti fufan 

Feb 28, 2023

ONM-ABO Guraandhala 28, 2023

Gareen miidhaa uummataan cooma muruu fi uskii dhuguuf of ijaaran bilxiginnaan waraana naamusa hin qabne hawaasatti bobbaasuun badii tokko malee namoota nagaa hidhuun dararaa kana hin jedhamne geessisaa jiru.

Kamisa darbe Guraandhala 23, 2023 godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo magaalaa Kaataar Gannat irraa obbolaa lama maqaan isaanii Muusaa Amaanii fi Allaamuddiin Amaan jedhaman badii tokko malee qaban.

Obboleeyyan lamaan kana maatii keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo ganda Aboosara Aalkoo fide jechuun waan isaan hin keessaa qabneen yakkanii buufata poolisii aanaa Xiyyoo magaalaa  Asallaa jiru keessatti hidhanii jiru.

Waraanni bilxiginnaa kanaan duras maatii fi firoota ijoollee kana Oromummaan yakkuun daa’imni waggaa 14 osoo hin hafin mana hidhaa keessa jiru.

Abbaa dargaggoota kana obbo Amaan Gammadaa fi obboleessa isaanii obbo Kamaal Gammadaa dabalatee namootni 14 kanaan dura qabamanii turan hanga ammaa hin gadhiifamin jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply