• Sat. Sep 23rd, 2023

Finxaaleyyiin Amaaraa Ayyaana Adwaa waggaa 127ffaa magaalaa Finfinnee irratti hirmaatan okkora kaasan  

Mar 3, 2023

ONM-ABO Bitootessa 3, 2023

Torbee darbee qabuun Injifannoon Adwaa Oromoo hin ilaallatu jechuun kaasaa turre.

Injifannoon Adwaa finxaaleyyii Amaaraaf humna kennuun garbummaa Oromoo irratti jabeesse.

Oromoon baay’een biyya isaa irratti cabaa fi madaa Calanqoo fi aanolee dagatee warra gumaaf barcuma siyaasaa tiksuuf duule.

Warri osoo Oromoon hojjetuufii na ga’e hin jenne, har’as dirreetti ba’anii Oromoo arrabsaa fi namoota Oromoon jibbu faarsuun madaa Oromootti muka oorfu.

Ayyaana Adwaa bara kanaa waggaa 127ffaa guyyaa kaleessaa Bitootessa 1, 2023 bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kabajamaa oole irratti finxaaleyyii Amaaraa jechoota Oromoo arrabsanii fi Minilikiin faarsan dhageessisaa oolan.
Akkasumas alaabaa Minilik kan aasxaa hin qabne hidhachuunii fi qomee suuraa Minilik fi Xaayituu qabu uffatanii Minilik abbaa koo akkasumas Xaayituu haadha koo jechaa turan.

Kana malees naanno Birbirsa Gooroo bataskaana Goorgisii, Addabaabaayii Masqalaa fi bakkeewwan birootti okkora kaasuun hidhattoota bilxiginnaa waliin walitti bu’aa oolan.

Okkora naannoo Qiirqoositti uumameen daandiin cufamee, dhagaan darbatamuu fi sochiin geejjibaa dhaabbatee ooleera.

Okkora finxaaleyyiin Amaaraa bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti uuman kanaan murni bilxiginnaa armaan dura isaaniin tumsee Oromoo ajjeesaa ture itti qaana’uu fi ajandaa siyaasaa torbee itti aanuu godhachuuf hojjechaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply