ONM-ABO Bitootessa 3,.2023
Uummata Oromoon bakka bu’a jedhee miidiyaa irraa kan ololu bilxiginnaan yeroo uummatni Oromoo rakkachaa jiru dhiisee waan qamadii alatti fe’uu odeessaa kan ture, yeroo hammaa maqaa gargaarsaa uummata hongeen miidhaman gargaarra jedhu moggaafachuun maallaqa walitti qabuun ofiif oolfachaa jiru.
Paartii siyaasaa maqaa Badhadhina jedhuun kan of waaman kaabinoonni sirna bilxiginnaa Oromiyaa keessatti rakkoo hongeen fidetti uummatni dararaa argaa osoo jiru, gargaarsa sababa kanaan taasifamu uummata miidhameen ga’uu irra kaabinootni Oromiyaa cufa keessatti maqaa kanaan saamaa akka jiran ni dubbatama.
Gocha saamicha bilxiginnaa kana ilaaluun mamoota maaliif gargaarsa funaantan naga’ee itti hin kuttan jechuun gaaffii gaafatan, ilaalcha waraana bilisummaa Oromoo fi hidhata isaanii qabda jechuun miidhaa irraan ga’u.
Gargaarsa ulaagaa hin qabne maallaqa hanga kanaa fidii akkasumas midhaan barbaachisu jechuun konkolaataa dhaabanii namoota irraa fe’uun abbumaa tokko malee ofiif olfachaa jiraachuutti kan aaran jiraattotni uummata keenya beela’e karaa jaarmiyaa hawaasaa gargaarraa, isin gidduu hin seenimaa jechuun jiraattotni dubbachaa jiraachuu kan nuuf himan quuqamtoota sabaa ti.