Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa magaalaa Jimmaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromootu galaa jira jedhuun uummata burjaajessaa jiraachuun barame  

ONM-ABO 4 Bitootessa 2023

Murni faashistii diraamaa araaraa hojjechuu itti fufuun godina Jimmaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromootu waamicha gooneefiin gale jechuun uummata gidduutti burjaajiin akka dhalatu gochaa jiru.

Murni waliin dha’ee aangoo irra turuu barbaadu maqaa araaraa abbootii amantii fi jaarsolii biyyaa qindeessuun WBO galchina jedhee kallattii kennus uummata biratti fudhatama waan dhabeef ijoollee ofii qindeessan muraasa fayyadamuun WBO fakkeessanii uummata ittiin burjaajessuuf yaalii gochaa jiru.

Magaalaa Jimmaa keessatti gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo waamicha araaraa simachuun dhufan jedhanii hawaasa gidduutti ololuun uummatni qabsoo bilisummaa Oromoo geggeeffamaa jiru irraa shakkii akka horatuuf hojii fakkeessii hojjetu.

Sababa kanaanis magaalaan Jimmaa keessatti bilxiginnaan diraamaa isaanii hojjechuun hawaasa Oromoo addaan qooduuf yaalii godhanis qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBOn geggeeffamaa jiru ololaa fi burjaajii bilxiginnaan yeroo gara yerootti taasisu dandamate as ga’e waan ta’eef har’as sana irra darbe galma barbaadamu ni ga’a jechuun yaada isaanii kan nuuf qoodan sabboontota Oromoo magaalaa Jimmaa ti.

Exit mobile version