• Sun. Oct 1st, 2023

WBOn godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

Mar 6, 2023

ONM-ABO Bitootessa 6, 2023

Gootichi waraana bilisummaa Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa gujii lixaa Aanaa Galaanaa ganda Tooree Baadiyyaa keessatti  konkolaataa waraana bilxiginnaa baatee deemaa jiru irratti kaleessa Bitootessa 5, 2023 tarkaanfii fudhateen loltoota 9 battalumatti yommuu ajjeesu, 13 ol madoon adabeera.

Guyyuma sana aanaa Bulee Horaa ganda Hadaalogaa,bakka addaa Wayyuu Basee jedhamutti sa’a 11:00 irratti tarkaanffi guggubduu nyaapha irratti fudhateen, loltoota  15 ol battalumatti yommuu ajjeesu, loltoota 21 ol madoo dandammi hin qabnen adabeera.

Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM Turkii 2, rasaasa, 300 fi kaazinaa 5 irraa booji’un galii qabsoo bilisummaa Oromoof oolcheera.

  Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply