ONM-ABO 10 Bitootessa 2023
Murni faashistii Itoophiyaa Amantii Waaqeffannaa akkasumas hordoftoota amantichaa fi galmoota keessatti waaqeffatan bakkoota hedduutti miidhaa garaa garaa irraan ga’aa kan ture yoo ta’u, Kaaba shaggar konyaa Warra Jaarsoo magaalaa Qarree Gohaa keessattis miidhaan galmaa fi waaqeffattoota irratti qaamolee nageenyaa warra ofiin jedhaniin raawwatamuun barameera.
Akka kanaanis Bitootessa 6, 2023 tilmaamaan galga keessaa naannoo sa’a 2:00tti qaamoleen nageenyaa murna faashistii PP konyaa Warra Jaarsoo galma Waaqeffannaa magaalaa Qarree Gohaatti seenuun miseensota galmichaa Caalaa Bokonaa Hayyuu ykn dura bu’aa galmichaa, Fiqaaduu Urgee itti aanaa hayyuu galmichaa fi Sabboonaa Shawaa namoota jedhaman galmicha keessaa yoo qaban, Caalaa Dheeressaa ammoo naannoodhuma galmichaatii qabuun miseensotaa fi gaggeessitoota galmicha afur waajjira poolisii magaalaa Qarree Gohaatti hidhanii jiraachuu jiraattotni dubbatu.
Qaamoleen badii mana amantaaf kabajaa hin qabne Bilxiginnaan miseensota galma Qarree Gohaa qofa hidhanii dhiisan osoo hin taane, qabeenya galmichaa hedduus caccabsuun saamichas geggeessaaniiru.
Itti dabaluunis aasxaa galmichaa ciranii gatuun galmicha diiganii deemuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.