ONM-ABO 10 Bitootessa 2023
Eegdotni impaayerattii goyomsaa fi dirqiin qe’ee irraa qabamuun leenjii waraanummaa fudhatanii akka lammiilee isaanii ilaalcha siyaasaa, sabaa fi amantiin qoodanii akka ajjeesaniif bobbaafaman guyyaadha gara guyyaatti mooraa bilxiginnaa gadhiisaniiba’aa jiru.
Keessayuu ilmaan Oromoo akka saa isaanii ajjeessaniif bobbaafaman carraa arganiin WBOtti harka laattachaa jiru.
Bitootessa 6, 2023 godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa mooraa magaalaa Bareedaa irraa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii shan qawwee AKM Turkii 4, dachaatuu 1, boombii F1 1, rasaasa 644 fi hidhannoo afur qabachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan.
Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii duraanii kun akka Oromootti, Oromoon murna bilxiginnaan du’aa, reeffi isaa gubachaa, qe’ee irraa godaanaa fi finxaaleyyii miidhamaa osoo jiruu, sirna daba kana hunda hojjechaa fi hojjechiisaa jiruuf qawwee baachaa keenyaatti hawaasa Oromoo dhiifama ni gaafanna jedhan.
Xumurattis sabni guddaan lafa bal’aa qabu osoo biyya ta’uun irra jiruu saboota biroon hacuucamee jiraachuun qaanii waan ta’eef ilmaan Oromoo qawwee diinaa baattanii sirna bilxiginnaa keessa jirtan sirnicha ganuun WBO bira dhuftanii Oromiyaa walabamaa ijaaruu qabna jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
Godina Baha wallaggaa aanaa Gudaayyaa Biilaati ilmaan Oromoo 12 waraanni fashiistii Abiy Ahimed mana hidhaa keessa baasuun ajjeesse.