• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti barsiisonni saamicha maqaa hongeen taasifamu morman hidhamuun dhagaa’ame

Mar 11, 2023

ONM-ABO 11 Bitootessa 2023

Yeroo gara garaatti maqaa Uummata Oromoo Booranaa hongeen miidhameef jechuun maallaqa miindaa hijjettootaa irraa muraa, gara dhimma isaaniitti deebifataa kan jiran dabballoonni PP Mindaa Barsiisotaa fi Hojjattoota Waajjira Barnootaa Aanaa Dalloo Mannaa irraa kutuuf jennaan hojjettoonnu kunneen mormachaa jiru.

Miindaa keessan irraa akka cituuf dhaabbata Buusaa Gknofaatti deemtanii mallatteessuu diddan jechuun miindaa hojjettoota waajjira barnootaafi barsiisotaa kaffaluufii diduun qabatanii kan jiran yoo ta’u, hojjettoota kunneeniif miindaan ji’a lamaa hin kaffalamiin jiraachuu maddeen keenya odeeffachuun gabaasaniiru.

Barsiisonni qarshiin nuti murru qaama barbaadame ykn nama beelaan saaxilameef bira ga’aa hin jiru waan ta’eef, nuti qarshii mallatteessinee muruu irra ofii keenyaa walitti sassaabne Hawaasa keenya Booranaa kan beelaan dhumaa jiru bira geessina malee isinitti hin kenninu jechuun mormii ofii ibsataniiru.

Diddaa barsiisotaa kana hordofuun Gurraandhala 9, 2023 irraa kaasuun manneen barnootaa sadarkaa 1ffaafi 2ffaa hojii isaanii idilee baruu fi barsiisuu kan magaalatti argaman dhaabanii jiru. Sababa kanaan sodaachisuuf jecha mootummaanis Barsiisota 3 hidhuun haalichi ittuu akka babal’atu taasisuu irratti argama.

Barsiisotni  hidhaman maqaan isaanii
1. B/saa Amiin Umar
2. B/saa Tasfaayee Taaddasaa fi
3. B/saa Kinfamikaa’el Abbabaa kan jedhaman ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply