ONM-ABO 11 Bitootessa 2023
Maqaalee garagaraa namoota nagaatti moggaasuun waraanni naamusaa fi akeeka malee socho’uu, kanneen barcuma siyaasaa faashisticha Abiy Ahimed eeguuf gocha ajjeechaa raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.
Impaayera namni manaa nagaan ba’ee galuun dadhabe keessatti haadhi ilmaan ishee bobbaastee qara ilaalaa hafaa jirtuu keessatti ajjeechaan raawwatu guyya guyyaan dabalaa jira.
Bitootessa 8, 2023 galgala irraa ona Giddaa Ayyaanaa keessatti dargaggoo Araarsoo Dabaloo Dureessaa jedhamu halkan sa’a 5:00 irratti bakka inni mana Siree qabatee jirutti mutaa ciisichaa inni obboleettii isaa waliin kireeffatee gad baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesan.
Dargaggoo Araarsoon dhalootaan aanaa Eebantuu ganda Dongooroo yoo ta’u gara aanaa Giddaa Ayyaanaa keessa qaxxamuree barnootaa osoo deemaa jiruu Oromummaan yakkanii ajjeesuun reeffa dhorkatanii obboleettii isaa daa’ima umrii 13 ari’anii Eebantuutti galchan.
Oduma ajjeechaan wal qabatuun waraanni faashistii PP Bitootessa 10, 2023 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Roophii Magaadaa iddoo addaa Bantii Hadaamaa jedhamu keessatti nama nagaa dargaggeessa maqaan isaa Gurraacha Galgaloo Bulee jedhamu mana jireenyaa isaaniitii fuudhanii daandii irratti rasaasaan ajjeesuun reeffa maatii dhorkachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

