Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni bilxiginnaa 2 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu keessatti WBOtti harka kennatan

ONM-ABO 11 Bitootessa 2023

Murni caasaa waraanaa jabaa ijaaruun qabaan ilmaan hiyyeessaa humnaan qe’ee irraa qabee waraana taasisuu fi meeshaalee waraanaa ammayyaa liqa akkasumas kadhaan galchu bilxiginnaan, Hawwii fi dadhabbiin isaa galma ga’uu hanqachuun loltootni isaa badii sirnichaa hubachuun keessaa baduu itti fufanii jiru.

Haala kanaanis Kibxata darbe Bitootessa 7, 2023 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu magaalaa Kombolchaa irraa ajajootni waraana bilxiginnaa raayyaa ittisa impaayerattii ta’an 2 WBOtti harka kennatanii jiru.

Ajajootni waraana bilxiginnaa dhalootaan Oromoo ta’an kun ajajaa dhibbaa fi ajajaa humnaa qawwee AKM Turkii 2, boombii 2, rasaasa 300 fi hidhannoo 2 mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhanii jiru.

Murna bilxiginnaa loltummaan tajaajilaa turuutti kan gaabban waraanni bilxiginnaa kun, waraanichi ajjeechaa, saamichaa fi namoota hidhuun cinaatti miseensota isaa sabaan Oromoo ta’an addatti xiyyeeffachuun ajjeesaa jira jedhan.

Itti dabaluunis sirna Oromoo irratti garbummaa bubbulchaa jiru tajaajiluun qaanii waan ta’eef ilmaan Oromoo sirnichaaf meeshaa baattanii jirtan qawwee keessan qabattanii gara qabsoo saba keessanii ABO-WBOn geggeeffamutti akka makamtan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Exit mobile version