ONM-ABO 11 Bitootessa 2023
Dhaabbanni waraana faashistii dhukkuba sabummaan rukutamuun keessoon isaa ajjeechaa, keessaa baduu, hidhaa, adabbii, of ajjeesuu fi qorannoo erga ta’ee waggoota lakkoofsiseera.
Waraanni dhibee sabummaan rukutame shakkii gidduu isaanii jiruun walitti dhukaasanii wal ajjeesaa fi murtoo waraanaan hogganni ajjeesaa oola.
Godina Qellem aanaa Anfilloo keessatti waraanni bilxiginnaa magaalaa Amajjii 11, 2023 bifa haaraan qubsiifaman mooraa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Anfilloo fi Koolleejjii BLTO keessa qubsiifaman ilmaan Oromoo miseensa isaanii ta’an addatti baasuun ajjeesaa jiru.
Akka kanaanis waraana faashistii mooraa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa qubsiifaman keessaa ilmaan Oromoo 6 ajjeefamuun awwaalli isaanii kan mul’atu yoo ta’u kan ajjeefamanii bosonatti darbamuun reeffa isaanii bineensi nyaates ni jira.
Waraana mooraa koolleejjii BLTO qubsiifaman keessaas ilmaan Oromoo 4 hogganoota isaaniin ajjeefamaniiru.
Murni faashistii PP ilmaan Oromoo taayitaa isaa ittiin tikfachuuf lola isaan hin ilaallanne hedduutti hirmaachisee ajjeesaa turuun, mooraatti yeroo deebi’anis qawwee isaan ajjeesuun sirnichi diigamaa jiraachuu agarsiisa kan jedhan maddeen magaalaa Muggii ti.