Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee naannoo Goorootti caasaa bilxiginnaa sochii baajajii ugguruun uummata dararaa jira

ONM-ABO Bitootessa 13, 2023

Murni rakkoo hawaasaa furuu irra hawaasatti rakkoo dabalu,  bilxiginnaan karaa caasaalee isaa dararaa uummata qaala’iinsi jireenyaa rakkisaa jiru  irraan ga’u hammeessee jira.

Caasaan sirnichaa uummata hiraarsuuf bobbaafaman bulchiinsa magaalaa Finfinnee naannoo Gooroo keessatti Kamisa darbe Bitootessa 9, 2023 irraa qabuun magaalicha keessaa sochii baajajii ugguruun uummatni yeroo isaatti akka hin fayyadamne taasisaniiru.

Uummatni magaalichaa irra caalu hojii humnaa hojjetee kan jiraatuu fi gariin hojii mootummaa kan qaban ta’us lafa dheeraa deemanii waan hojjetaniif yeroon gabatee hojii isaanii irratti hin argaman, akkasumas gabaa irraa gara manaatti meeshaalee nyaataaf bitaman geejjibsiifachuuf rakkoo argaa jiraachuun barameera.

Dararaa caasaan bilxiginnaa uummata irraan ga’aa jiruun cinaatti qaala’iinsa jireenyaan waxalamaa jiraachuu kan ibsan jiraattotni magaalaa Gooroo, rakkoo keenya qaama nuu furu dhabne rakkachaa jirra jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version