• Sun. Oct 1st, 2023

Buufatni godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii waraana bilxiginnaa keessa buufatan irraa ka’uun tajaajilaa uummataaf kennu dhorkame

Mar 13, 2023

ONM-ABO Bitootessa 13, 2023

Murni faashistii PP taayitaa isaa tikfachuuf qofa loltoota isaa dhaabbilee hawaasaaf tajaajila kennaa jiran mooraa waraana gochuun barnootaa, waajjiraalee hojii mootummaa fi dhaabbileen fayyaa osoo hin hafin cufsiisee waraana keessa qubsiifatee jira.

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessatti waraanni taayitaa nama tokko eeguuf bobbaafaman buufata fayyaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessaa ogeessota baasuun keessa buufatanii jiru.

Waraanni bilxiginnaa kun lola Torban Sanbata darbee Bitootessa 4, 2023 aanaa Anfilloo ganda Yaareritti rukutamaniin booda Kamisa Bitootessa 9 irraa qabuun kutaa ciisichaa cufa keessaa namootaa fi ogeessota ari’uun itti fayyadamaa jiru.

Gocha kana raawwachaa kan jiran raayyaa ittisa impaayerattii yoo ta’an, bara 2019 hanga jalqaba bara 2023 Amajjii 5tti poolisoota humna addaa Oromiyaa warreen ofiin jedhaniin qabamee tajaajila ga’aa argachaa akka hin turre kan himan jiraattotni magaalaa Muggii, erga WBOn mooricha keessaa buqqisee nagaan itti fayyadamaa turrullee, torbee darbe kana itti galuun tajaajilaa dhorkuu himu.

Waraanni faashistii kun dhukkubsattootaa hatattamaa fi da’umsa illee seensa buufatichaatti deebisuun manneen yaalaa dhuunfaatti gatii olaanaan tajaajilamaa akka jiran dubbatu.


Mataan nafxanyootaa akka waan uummataaf yaadetti maqaa nageenyaa kabachiisuun waraana dila uummata gidduutti bobbaasuun tajaajila maallaqa isaan argatuu dhabaa fi mana isaa keessatti nyaata nyaatu dirqamaan sirna dhablootaan saamamaa jiraachuu dabaluun kan nuuf ibsan jiraattota magaalaa Muggii ti.

Leave a Reply