• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina baha Harargee aanaa  Dadarii fi Meettaa keessatti waraannii fi caasaan bilxiginnaa uummata dararuu hammeessan

Mar 13, 2023

ONM-ABO  Bitootessa 13, 2023

Torbee fi baatiin siyaasa jijjiirrachuun of giddu galeeffatee hawaasa kan miidhu murni bilxiginnaa, waraanaa fi caasaa siyaasaa hanga sadarkaa gadiitti diriirfateen uummata hiraarsaa jiraachuun barameera.

Goolama malee nagaa fi tasgabbii uummata irraa kan godaansise waraanni fi caasaan murna bilxiginnaa godina Baha Harargee aanaa Dadar keessatti maqaa misoomaan saamicha gegeessu.

Aanaa Dadar aradaa Huffee keessatti abbaan araddichaa Baharoo Mahaammad jedhamu konkolaataa daandii isinii sirreessu binna jechuun maallaqa erga irraa funaannatee caasaa aanaa waliin qooddachuun magaalaa Dirree Dhawaa keessatti lafa bitatee mana ijaarrachaa jiraachuu maddeen himan.

Kana malees aanicha keessatti waraana isin geessina jechuun dargaggoota humnaan qabaa waan jiraniif qeerroowwan Oromoo aanichaa mana dhiisanii daggalaa bulaa akka jiran dubbatu.

Godinichuma aanaa Meettaa keessattis dargaggoota Oromoo dirqiin qabanii leenjii waraanaatti geessaa jiraachuu fi ilmaan keessan ni gadhiifnaan maallaqa nyaachaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply