• Sun. Oct 1st, 2023

Gootichi abdii sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo Kibba Baha Oromiyaa keessatti Marii bal’aa Uummata Oromoo waliin taasise

Mar 13, 2023

ONM-ABO Bitootessa 13, 2023

Irree gabroonfataa qawween sabicha irratti dagaage afaan qawween cabsee, Oromoo fi Oromiyaa hacuuccaa akkasumas saamicha kamuu jalaa baasuuf kan qabsaa’u Waraanni Bilisummaa Oromoo, golee Oromiyaa mara keessatti lolee lolchiisuudhaan irra jireessa baadiyaa Oromiyaa akkasumas magaalota aanaa hedduu to’annoo isaa jala galchuun tarsiimoo imala gara Finfinnee milkeessuuf hojii guddaa hojjechuu irratti argama.

Bakkoota dhuunfate kana keessatti Waraanni Bilisummaa Oromoo, Uummata isaaf da’oo fi gaachana ta’uun humna diinaa irraa qolatee hawaasa isaa keessa jiraataa jira.

Kibba Baha Oromiyaa godina Arsii Bahaa, Aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti Waraanni Bilisummaa Oromoo, Bitootessa 9, 2023 bakkoota to’annoo isaa jala jiran keessatti uummata Oromoo waliin marii bal’aa taasisee jira.

Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa, sagantaa marii fi barnoota uummataa kana qopheessuun uummata Oromoo mariisisaa akkasumallee barsiisaa kan turan yoo ta’u, saganticha irratti haala yeroo impaayerittii kaasuun marii bal’aa gaggeessaa turuu hooggansi WBO naannichaa ibseera.

Dhuma irrattis qorichi impaayera dullattii tokkummaa Oromoo ta’uu ibsuun, qabsoo Oromoo damboobee rarraga bilisummaa irra ga’e kanatti goolaba horuuf tokkummaan galma ga’insa kaayyoo tokkoo furtuu ta’uu barnoota kennamerraa hubachuu jiraattonni dubbataniiru.

Leave a Reply