• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina Horro Guduruu Wallaggaa keessatti waraanni murna PP saamicha uummata irratti geggeessuu jabeessee itti fufe 

Mar 14, 2023

ONM-ABO Bitootessa 14, 2023

Sabboontotaa fi maatii qabsaa’otaa saamuu, hidhuu fi qabeenya irratti gubuun jireenya itti hadheessaa kan jiru murni PP mana nama dhuunfaa seenuun qabeenyaan mana keessaa otoo hin hafiin saamanii konkolaataan guurrataa jiru.

Godina Horro Guduruu Wallggaa aanaa Jimmaa Gannatii, ganda Hundee Guddinaa jedhamtu keessatti halkan sa’a 7:00tti mana nama dhuunfaa cabsanii itti seenuun, qabeenyaa mana keessa jiru guutummaa isaa fe’atanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Mana Obbo Shibbiruu Aqinaa jedhamu cabsanii itti seenuun, waraanni murna PP,  midhaanii fi meshaa mana keessaa tokko otoo hin hambisiin konkolaataa FSR 2tti fe’atanii deeman.

Obbo Shibbiruun abbaa ijoollee 8 yoo ta’u ganda keessa jiraatu keessatti jaalala uummataa malee siyaasa kam keessattuu hirmaannaa kan hin qabne ta’uu jiraataan gandicha irraa dubbisne himuun, saamamuu qabeenya isaa irraan kan ka’e maatiin isaa guutuun rakkinaaf saaxilamanii jiraachuus jiraataan kun dabaluun ibseera.

Leave a Reply