• Sat. Mar 25th, 2023

Godina Lixa Wallaggaa ona Qondaalaa keessatti hidhaa fi dararaan uummata irratti raawwatu jabaate 

Mar 14, 2023

ONM-ABO Bitootessa 14, 2023

Murni faashistii PP maqaa olaantummaa seeraan kabachiisaan waraana  barcuma siyaasaa isaa tiksaniif erga bobbaasee qe’een Oromoo nagaa hin arganne.

Gareen guyyaadha gara guyyaatti uummata Oromoo irraan miidhaa ga’uuf bobbaafaman godina Lixa Wallaggaa ona Qondaalaa keessatti hidhaa fi dararaa hawaasa irraan ga’an hammeessanii jiru.

Waraanni bilxiginnaa dargaggoo aanicha keessaa dargaggoo Haaruun Aburaayii kanaan dura mana isaa gubdee qeee isaa yammuu barbadeessan amma ammoo erga naannoo Zeebee jedhamuu qabamee hidhamee baatii 2ffaa lakkoofsiseera.

Sanbata darbe Bitootessa 11, 2023 waraanni goolessituu PP aanaa Qondaalaa maadheffatee jiru gara ganda Ashunfaa seenuun saamicha raawwataniiru.

Gandicha keessaa Jaaguwaarii obbo Taayyee nama jedhamuu, baajaajii tokkoo fi doqqodoqqee 12 konkolaataatti featanii gara magaalaa Qondaalaatti deebi’an.

Obbo Taayyee fi Oromoota biroo jalaa kanaan duras waraanni koloneel Abiy Ahimed midhaan mana guutuu fi qabeenya biroo saamuun ni yaadatama.

Leave a Reply