• Sun. Oct 1st, 2023

Godina baha Harargee aanaa  Guraawaa fi Kurfaa Callee keessatti waraanni maafiyaa PP namoota dararuu jabeesse 

Mar 17, 2023

ONM-ABO Bitootessa 17, 2023

Sirni nama nyaataa PP loltoota isaa uummata nagaa gidduutti bobbaasuun nagaa uummataa goolaa fi saamicha irratti raawwachiisa.

Waraanni olaantummaa seeraa fi uummata bakka bu’aaniif caalaa nama dhuunfaaf hojjetan godina baha Harargee aanota akka Guraawaa fi Kurfaa Callee keessatti  uummata nagaa dararaa jiru.


Hawaasa nagaan jireenya isaa geggeeffatuun ijoollee keessanfu waraana bilisummaa Oromoo keessa jira ittiin jechuun maatii dalagaa irraa qabuun hidhaa fi bobbaa isaanii danqaa oolu.

Aanota kanneen keessatti maatiin ijoolleen isaanii hojiif bakkoota biroo deeman akka waanta bosona deemanii WBOtti makamaniitti fudhachuun waraanni maatii rakkisa.

Aanota Gaara Mul’ataa jala jiran kana keessatti waraanni bilisummaa Oromoo sochii godha, ilaalcha jedhuun ergamtootni Abiy Ahimed hidhaa, reebichaa fi doorsisa geggeessaniin alatti qabeenya namootaa kan WBO ti jechuun saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply