• Mon. Sep 25th, 2023

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti waraanni faashistii PP qabeenya nama tokko qofa wallakkaa miliyoonaatti tilmaamamu saaman 

Mar 17, 2023

ONM-ABO Bitootessa 17, 2023

Murni afaan qawween bulchu bilxiginnaan caasaa isaaf amanamoo ta’an qofa diriirsee ilmaan Oromoo irratti cunqursaa hamaa geggeessuun qabeenya lammiilee nagaa waraana isaa itti bobbaasuun guyyaa hunda saamaa oola.

Godina lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa araddaa Boojjii Gaara-Arbaa magaalaa Ashunfaa bakka jedhamuu keessattii waraanni maafiyaa PP Bitootessa 1, 2023 qabeenyaa qarshiidhaan 535,970 (kuma dhibba shaniif soddomii shaniif dhibba sagaliif torbaatama) ta’u afaan qawween saamanii jiru.

Namni qabeenyaan kun jalaa saamame maqaan isaa obbo Qajeelaa Badhasaa Dinagdee kan jedhamu dha.

Nana kana jalaa mana dhugaatii keessaa qarshi callaa 253,970, Beddelle gudda kaaseta 48 qarshiidhaan 57,600, Beddellee xiqqaan kaaseta 53 gatiin qarshiidhaan 63,600, biiraa kaaseetta 13 qarshii 15,600, Uzoo liitirii 18 qarshiidhan 8,100 fi dhugaatii kanneen biroo cufa jalaa saamuun hiyyummaatti kuffisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply