ONM-ABO Bitootessa 17, 2023
Caasaan waraana faashistii PP impaayerattii fi Abiy Ahimediin aangoo irratti akka tiksaniif maallaqni guddaan itti ba’ee ijaaramaa jiru, galma yaadameef hanqachuun dhibdee keessoo isaaniitti uumamuun miseensotni isaanii keessaa baduu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan Bitootessa 14, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Gidaamii irraa miseensotni poolisii humna addaa Oromiyaa lama sirnicha ganuun qawwee AKM 2 hidhannoo guutuu waliin WBOtti yoo makamu, Bitootessa 16, 2023 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 ona Anfilloo irraa WBOtti makamanii jiru.
Jibbiinsa Oromummaa miseensotni fi hogganootni waraanichaa ilmaan Oromoof qaban irraan kan ka’e sirnicha gadhiisanii ba’uu kan itti fufan, miseensotni waraana bilxiginnaa kun, Bitootessa 16, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Arjoo fi Horroo Guduruu aanaa Jimmaa Raaree loltootni 4 sirna bilxiginnaa ganuun qawwee AKM 4 hidhannoo guutuu waliin WBOtti makamanii jiru.
Ilmaan Oromoo sirna bilxiginnaa ganuun WBOtti makaman kun, simannaa taasifametti gammadduun, ilmaan Oromoo qawwee diinaa baatanii achi keessatti hafan qawwee fi hidhannoo isaanii waliin WBOtti dhufanii akka harka kennatan waamicha taasisaniiru.

