• Mon. Sep 25th, 2023

Baha Shaggar ona Boosat gandoota garaa garaa keessatti humni weerartuu PP dararaa ulfaataa geessisaa jiraachuun barame 

Mar 20, 2023

ONM-ABO Bitootessa 20, 2023

Bitooteessa 17/2023 irraa kaasee hanga bitootessa 18/2023tti godina baha Shaggar ona Boosat gandoota garaagaraa keessatti jiraattota xiqqaa hanga guddaatti erga qabani reebicha hama fi darara garagaraa irraan gahani booda buufata poolisii magaalaa Oolancititti yoo hidhan kaan ammoo reebicha faashistootaa irraa hafu dadhabun lubbuun isaani dabarte jirti.

Ganda Dongorree Xiyyoo bakka Siree fi Abbaayyoi jedhamtu irraa manguddooni qabaman maqaan isaanii Daadhii Abbooyyee yoo ta’u reebicha hamaa irratti raawwate irraa dandamachuu dadhabuun galgala gaafa sanaa mana barumsaa Rukeecha Boqoreetti lubbuun isaanii darbe.

Aanichuma ganda Baabsaa Bunee keessatti nama Billoo Taliilaa jedhamu reebuun du’aa fi jireenya gidduu jira.

Ganda Garrii Nuura Heeraa irraa ilmaan Oromoo 15, ganda Borcotaa irraa namoota 24 badii tokko malee qabanii hidhanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply