ONM-ABO Bitootessa 20, 2023
Murni shiraa fi olola malee rakkoo siyaasa impaayerattiifis ta’e Oromiyaa kennuu hin feene, furmaata battalaa godhachuun dhimma Waraana Bilisummaa Oromoo irratti hojii bu’aa hin qabne hojjechuu itti fufeera.
Aanaalee godina Kaaba Shaggar aanaa Yaayyaa Gullaallee, Warra Jaarsoo, Abootee fi Kuyyuu keessatti uummata waltajjii waamuun ijoollee keessan bosona jiran, Waraana Bilisummaa Oromoo fidaa galchaa jechaa jiru.
Murni uummata nagaa dhimma waraanaa keessa galchu, waan uummatni quba hin qabnee fi hin dandeenyetti fiddanii hin galchitan taanan miidhaa isin irra ga’uuf gaafataman isini jechuun akeekkachiisan.
Kana malees warreen ilmaan keessanii fi firootni keessan miseensa WBO ta’anii nutti dhukaasaa jiran torbee kana keessa fiddanii galchuu qabdu jechuun lubbuu isaaniif akeekkachisuu maddeen kaaba Shaggar Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.