• Mon. Sep 25th, 2023

Godina Lixa wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti waraanni maafiyaa PP haadha Oromoo tokko ajjeesuun mana namaa gubuun dhaga’ame 

Mar 20, 2023

ONM-ABO Bitootessa 20, 2023

Murni erga aangootti dhufee kaasee yeroo tokkoof illle waanta gaarii sabaaf hojjechaa hin jirre, hojii hammeenyaa isaa itti fufuun dhiiga lammiilee dhangalasaa fi qabeenya  barbadeessaa jira.

Mirga namoolaaf bakka kan hin qabne haadhoolii ulfaa dabalatee namoota cufa safeeffannaa tokko malee hidhuu, gudeeduu fi ajjeesuu haalan cimsuun dheengadda Bitootessa 18, 2023 aanaa Mana sibuu ganda Caalaa Daabbusitti haadha tokko rasasaa itti roobsuun ajjeesanii gatan.


Maqaan haadha lubbuun darbite kanaa aaddee Zanbuu Abdiisaa kan jedhamtu yoo ta’u ilmaan torba kan qabdi.

Aadde Zanbuun jiraattuu aanaa Mana Dibuu ganda Waamaa Tobbaraa kan taate du’aa ga’iif  osoo isheen ilma ishee waliin ganda Caalaa Daabbus deemtee jirtu ilma ishee ari’uun yeroo inni harkaa ba’uutti haadha ajjeesuun isaan.

Itti dabaluunis ganda Caalaa Daabbuus keessatti mana Obbo Imaanee Waaqjiraa qabeenyaa isaa guutuummaa guututti Mana waliin barbaadeessuun rakkoo ulfaataaf maatii saaxilaniiru.

Yeroo ammaa maatiin isaanii bakka bultii fi nyaata tokko malee bakkeetti rakkachaa jiraachuu maatii maddeen keenya Arraataa Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply