• Mon. Sep 25th, 2023

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessattii waraanni faashistii PP nama tokko ajjeesuun barame

Mar 22, 2023

ONM-ABO bitootessa 22, 2023

Biyya diimookiraasiin keessatti goguunii fi mirgi namummaa keessaa hongaa’uun afaan qawween bultu impaayera Itoopiyaa keessatti lammiilee nagaan badii tokko illee osoo qabaatiin ilaalcha siyaasaa qofaan yakkamuun lubbuu dhabamaa oolu.

Haaluma kanaan dheengadda Bitootessa 20, 2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Daargee Toobbaraa keessattii waraanni maafiyaa PP badii tokko malee dargaggoo tokko rasasaa itti roobsuun ajjeesan.
Daraggeessi haala sakkanneessaan waraana  faashistii PPn ajjeefame  maqaan isaa Nuuraddiin Kadir kan jedhamu yoo ta’u,yakka tokko malee osoo  maatii isaaf mukaa qottoon baqaqsaafii jiru lafa qoraan walitti qabanitti itti ba’uun ajjeesuun gatan.

Nuuraddiin naannoo keessattii dhalate keessattii nama nagaa fi  siyaasa kamiyyuu hin hordofne akkasumas maatii isaa fi ollaa biratti nama jaallatamummaa  guddaa qabu ta’u maddeen keenya Arraataa Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply