ONM ABO, Bitootessa 22, 2023
Abdiif Gaaddisni Uummata Oromoo, Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Cibraa Soddom Booroo kaleessa Bittotteessa 21, 2023 Dheeda Boorana Liiban Ardaa Takkaarriitti ganama sa’aatii 2:00 irraa kaasee hanga sa’aatii 7:30 Lola Jabaa Waraana Murna Maafiyaa PP waliin taasiseen Injifannoo Boonsaa goonfachuun aggaammii Nyaaphaa kolaasee jira.
Magaala guddittii Godinichaa kan taate Nageellee Booranaa irraa Kiilomeetira 7 qofa irratti kan lolame yoo ta’u, Humna Waraana Gabroomfataa wal-guurtee dhufte kanneen akka RIB, HAO, Poolisii Oromiyaa fi Milishaan wal makatanii deemaa turan, Leencichi Loltuu Bilisummaa WBOn itti marsuun oliif gadi hargufee tumuun bobbaa sana guutummaa guutuutti dhabamsiiseera.
Qaqalloon ilmaan Sabaa WBOn Lola kana irratti Humna Diinaa irraa nama 67 yoo ijjeesu, namoota 102 madoon adabuun Diina jilbiiffachiiseera. Lola kana irratti Hooggantoonni Bobbaa Waraana PP kanaa hedduun dhumachuun Murna Maafiyaa Impaayera kana bulchu rifannoo hamaatti naquun lolicha adda taasisee jira.
Itti dabaluun Lola kana irratti WBOn Meeshaalee Lolaa garagaraa hiikuun Moonaa Qabsoo Bilisummaa Oromoof galii godhee jira. Gama Meeshaatiin Bireena 3, Kilaashii 37, Rasaasa Diishqaa, Rasaasa Bireenaa, Rasaasa Kilaashii, Bombii fi Meeshaalee Lolaa hedduu irraa hiikeera. Addatti ammoo Lola kana irratti WBOn Bilbiloota Satellite 7 booji’eera!
Walumaagalatti WBOn Lola kana irratti Humna Diinaa birmannaaf dhuftes itti dabalee Rasaasaan macheessuun cabsee duubatti deebisuun Injifannoo Olaanaa fira gammachiisee, Diina baraarugse galmeessuun guduunfee jira.
Hanga Oromiyaan Walaboomtutti Lolli itti Fufa!
Bilisummaan Dhugaa Afaan Qawween Dhufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

